Hojjettoottiin Warshaa Shukkaaraa Fica’aa Bulchiisa Warshichaa Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuu Qeerroon Gabaase.

diddaa9Hagayyaa 06,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessaa hojjechaa turan Oromummaan yakkamuun hojii irraa ari’aman ilaalchisuu uumanni bilchiinsa warshaa Shukkaata Finca’aa irratti hiriira bahe.

Oromoonni yeroo dheeraa warshaa Sukkaaraa Finca’aa hojjechaa turan dhibbaatamaan  tilmaaman badii tokkoo malee hojii irraa arii’atamuun walqabatee Hojjettootni warshaa sukkaaraa Fincaacaa’aa Hojjettootni arii’aman balleessaa hin qaban waan ta’eef mirgi hojjettoota kanaa kabajamuu qaba jechuun Hojjeettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii dhaabuun Sagalee mormii sirna mootummaa abbaa irree irratti gaggeessan. Gaaffiin bu’uura hojjettootni Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa kaasaan :
1. Mirgi namummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba,
2. Mirgii biyyaa abbaa keenyaa keessaatti nurraa sarbamee nuuf kabajamuu qaba.
3. Haal duree tookko malee hojjeettootni warshaa Suukkaaraa Fincaa’aa irraa Oromummaan yakkamanii arii’aman hojiitti deebi’uu qabu.
4. Oromummaan yakkamuun hojii irraa arii’atamuun, hidhamuu fi doorsifamuun atattamaan dhaabbachuu qaba.
5. Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo hojjettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa arii’uun , ilmaan saboota biiroo ulaagaa tokko
malee namoota 250 fidee bakka ilmaan Oromoo arii’amni qacaree yeroo gabaabaa keessaatti carraa guddinaa fi sadarkaa kennaafi jiruu
atattaamaan dhaabuun tajajillii seeraa qabeessi hojjetoota hundaaf wal qixa kenaamuu qaba.
6. Daballiin miindaa hojjettoota warshaa Sukkaara fincaa’aa haalaa hin eegamnee gadi bu’ee waan jiruuf hojjettootni Warshichaa haala jiruu fi
jireenyaan dararamaa waan jiraniif daballiin miindaa jiruuf jireenya hojjeettootaaf mijataa ta’ee akka kennaamuuf kanneen of keessaa qaban
gaaffii mirgaa kaachisuun hiriiraa ba’uun sagalee mormii guddaa dhageesisaniru.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee afaan qawween biyya bulchaa jiruu gaaffii Uummataaf deebii sirnaa kennuu dadhabuun, Akkuma Amala isaa
humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaa jedhaman uummataa gaaffii karaa nagaa dhiyeeffataan irratti bobbaasuun Uummata nagaa
dararuu fi gooluu irratti argama. humni waraana wayyaanee fi hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa gaaffii mirgaa kaachiisaa
jiran waliin waldura dhaabbatan, ilmaan Oromoo hedduun hidhamuu fi dararamaa jirssnyaa madden qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa
Fincaa’aa irraa gabaasan. Ilmaan Oromoo hedduun hidhamuu fi reebamuun addaa baasuun kan isiniif erginu ta’uu ni hubachifna.

Leave a comment