Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

cropped-qeerroo-edit.jpgUummatni keenya Uummatni Oromoo fi sabootni cunqurfamoon biyya Impaayera Itiyoophiyaa mirga uumaamaan qabnuu fi mirgoota Dimookiraasii Mootummaan EPRDF/TPLF afaan qawween nurraa mulqee; mootummaan kun filanoo keenyaa fi fedhii keenya malee mootummaa humna afaan qawween mirga keenyaa ukkamsaa jiruu fi diinagdee fi capitala  biyyatti aangawoota mootummaa EPRDF/TPLF’n to’atamee kan jiruu fi bu’uurri dinagdee biyyatti keessatti argamuu addatti gamoowwaan Finfinnee keessatti argamanii  fi Warshaaleen biyyatti keessatti argamuu 90% kan aangawoota mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF’n qabame jirudha.

Uummatni gidduu fi gara gajjallatti argamuu waan nyaatee bulu dhabee beelaa fi rakkoo jiruuf jireenyaan dararama kan jiruu fi biyyatti keessatti qabinsi mirga namummaa fi dimookiraasii gonkumaa kan hin jirre ta’ee utuu jiruu mootummaan Ameerikaa Baarak Obamaan Biyya kana dawwachuu dhufuun uummattoota cunqurfamoo sirna abbaa irree jalatti bulaniif fakkeenyaa abdii dimokoraasiif biyyooti guddatan warraaqan harkatti bisheesa.

Qabxiiwwaan armaan olitti tuqaman yaada keessa galfachuun Oromoonni biyya alaa fi keessa jiran aangawooti mootummaa Ameerikaa akka sirni dimikaaratawaan biyya Itiophiyaa keessa hin jirree fi mirgi dhala namaa jaarraa tokkoo oliif gara malee,

Haala kanaa jilli imala gara Ithiopiyaatti sosso’u qabxiileen  armaa gadii akka qoratamuu fi haala kana keessa akka irratti xiyyeefatnaan taasisuuf uummanni Oromoo biyya alaa fi keessaa bifa dandayaanee akka dhiibbaa taasisee sagalee dhageessitu gaafatna.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Adoolessa 25 2015

Leave a comment