Adoolessa 22,2015 Dambi Doolloo
Mootummaan Wayyaanee barattoota yaadaan burjajessuu fi fincila kaasuu kan jedhuun dursa maqaa leenjiin barattoota boqonnaaf galan dirqamaan leejii fi tarsiimoo jechuun galmeessaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan Adoolessa 21,2015 gabasa Qeerroo godina Qellem, Aanaa Gaa’oo Qeebbee irraa dabballoonni Wayyaanee sababaa walgahii ariifachiisaa jedhuun barattoota dirqiisiisuuf aanotaa fi gandoota irraa jooraniin fudhatama dhabisisuu dhaan gootonni barattooti Oromoo aanota irratti wal ijaaruun diddaa isaanii muldhisaa jiru.
Haalli kun kan itti hammaate dabballoonni Wayyaanee bakka bu’oota aanaa fi dura teessota gandaa bobbaasuun mana manatti barataa meeqa akka jiruu fi eenyummaa isaanii akka galmeessaniif haa bobbaasan malee gandoota hunda keessaa diddaa barattoonni kaasaniin ergamtooti dhagaan reebamanii arihamaa jiraachuu gabaasi addeessa.
Maatiin barattootaas diddaa barattootni taasisan deggeruun dhagayame. Aanaalee garagara keessatti barattootni maqaa walgayii jedhamee galmeen funaanamaa jiru kana dura dhaabbatuun fesheleessan. Kanumaan ergamtotni Wayyaanee godina Qellem mufii irraan kan ka’e erga uummanni diddaa barattootaa deggeruun waliin hiriiree tajaajila ibsaa fi bishaanii kutuu qabna jechuun mari’ataa jiraachuu Qeerroon Qellem Dambi Doolloo irraa gabaase.