Adoolessaa 20,2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII
Walgahii wayyaaneen bakka hundatti uummata teesisuuf karoorfatte AANAA MIDAA QANYII keessatti uummata teesisuun olola afaan faajjii uummatarratti oofuuf wayyaaneen karoorfate Uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo nuti mootummaa mataa keenyaa hin qabnu, isin abbaa irreen nu hin bulchitan Afaan qawwee fi gadi qabaan bitamnee isin jalatti hin bulluu mirgi abbaa biyyummaa fi gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii hanga deebii argatutti jechuun uummatni walga’ii wayyaaneen gaggeessuuf karoorfattee fashaleessuun mootummaa wayyaanee rifaasisuun walqabatee mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa tarkaanfii hammeenyaa fudhachuutti seenee jira.
Haaluma kanaan yeroo amma kanatti Uummartni Qonnaan bultootni, barattootni fi dafqaan bultootni AANAA MIdaa QANYII keessatti ijaarsaa haaraa maqaa ‘’kumaad poostii’’ jedhuun caasaan wayyaanee guutummaa biyyatti keessatti diriirsee jiruun uummatni jumlaan hidhaatti guuramaa, qarshiin adabamaa fi hojii isaa illee akka hin hojjetannee dhorkamee bulchitootni AANAA MIDAA QANYII humna poolisaa fi waraana hidhachiisuun uummatatti bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun ibsamee jira. Bifa kanaan mootummaan wayyaanee uummata mirga isaaf karaa dimookiraasii fi nagaa falmachaa jiruu gooluun hidhaatti guuraa fi mallaqaan adabaa jiraachuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo yeroo amma kana qarshiin adabamanii fi hidhatti guuramaa jiran keessa kanneen ammaf maqaan isaani nu qaqqabee jiru:
1. Obboo Gusoo Diroo maatii isaanii namoota 7 waliin ganda Dirree Weennii irraa hidhaman
2. Obboo Daammanaa Naggasaa ganda Boquu nissoo maatii isaanii namoota lama waliin kan hidhaman yoo ta’uu, asiin fuldura Mucaan isaanii barataa Wandimmuu Daammanaa rasaasaa mootummaan wayyaanee M/b Geedootti itti dhukaaseen kan ajjeefamedha.
3. Obboo Garbee Fakkaataa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e
4. Dargaggoo Sintaayyoo Dandanaa kophee bareechuun kan of jiraachisuu adabbii qarshii 1500tu itti murtaa’e
5. Obboo Daandanaa Shuree qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murta’e
6. Obboo Mitikkuu Qachuu hojii dhabaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e.
7. Dargaggoo Dirribii Taaddasaa hojii dhabaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
8. Obboo Dhugaasaa Lammeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
9. Obboo Dagguu Lammeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
10. Obboo Yaadataa Nagaraa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
11. Obboo Cimdii Nagaraa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murta’e,
12. Obboo Alamuu Muldhataa qotee bulaa adabbii qarshii 500nitu itti murtaa’e,
13. Obboo Agumaa Cawwaaqaa qotee bulaa adabbii qarshii 600tu itti murtaa’e,
14. Obboo Geedoo Bantii qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
15. 0bboo Dachaasaa Yaadasaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
16. Obboo Gembuu Jabeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murta’e,
17. Barataa Abishuu Gurmeessaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
18. Obboo Getachoo Caalchisaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
19. Obboo Daksiisaa Guutamaa qotee bulaa adabbii qarshii 5ootu itti murtaa’e,
20. Obboo Hirphasaa Dajanee daldalaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
21. Daraartuu Miijanaa daldaltuu adabbii qarshii 500tu itti murta’e,
22. Obboo galaasaa Araarsaa qotee bulaa adabbii qarshii 300tu itti murtaa’e
23. Barataa Boruu Tamasgeen adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
24. Barataa Baallammii Galataa adabbii qarshii 300tu itti murta’e
25. Ogeessaa Fayyaa narsii nama Ajjamaa jedhamutti immoo qarshii 1300tu itti murtaa’e
26. Obboo malkaamuu Daksiisaa hojii dhabaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
Adabbii hammeenyummaa fi diinummaan guutame kana himata mana murtii tokko malee Caasaa ijaarsaa wayyaanee qawwee hidhatee uummataa saamaa jiru kan maqaa kumaandi popstii jedhamuun ijaaramee uummata dararaa jirutu humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa qabachuun uummata irraa adeemuun isin diina uummata keenyaati jechuun uummataa adabuu, hidhuu, fi doorsisuun saamuu irratti argamu, uummatni fi dargaggootni Oromoo adabbii seeraan alaa gochaa diinummaa uummatarratti gaggeeffamaa jiru kana dura dhaabbachuun hidhaatti guuramaa jiraachuun saaxilame jira. Keessattuu AANAA MIDAA QANYII keessatti guutummaan uummata Oromoo sirna bulchiinsa abbaa irree afaan qawween aangoo qabatee bara baraan filannoo fakkeessii gaggeessuun umrii dheereffachaa turetti hin bulluu ofiin of bulchina jechuun uummaatni sirna bulchiinsa wayyaaneef ajajamuu dhaabuu irraan mootummaan wayyaanee gara tarkaanfii abdii fi haamilee kutaannaa isaa argisiisutti kan seene ta’uun ibsamera.
Adeemsa fokkataa fi itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa nama hin baasne hojii diinummaa dabballootni Wayyaanee Uummata irratti rawwachaa jiran Caasaa bulchiinsa AANAA MIDAA QANYII :
1.Sicaalaa Dheeressaa itti gaafatamaa wajjira dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO
2.Dalasaa Tarfaa Waggarii dabballee OPDO wajjira milishaa , kanneen jedhaman adda durummaan humna poolisaa fi kora bittinneessaa qabachuun uummata keessa fiiguun uummata dararuu irratti kanneen argamaan irratti maatii isaanii fi qabeenyaa isaanii fi lubbuu isaanii irratti uummatni Oromoo bakka jiratan hundaa tarkaanfii madaalawaa akka fudhattamu sabboontotni Qonnaan bultootni dhaamsa dabarsatan.
Adeemsii kun guutummaa uummataa Oromoo irratti gaggeeffamaa waan jiruuf uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa harka walqabachuun gochaa diinummaa ilmaan Oromoo irratti rawwatamaa jiru dura dhaabbachuun warraaqsii FDG mootummaa wayyaanee irratti jabaatee akka itti fufu waamicha lamummaa dabarsina.