Barattoota Oromoo Boqonnaa Yeroo Gannaaf Gara Maatii Isaaniitti Galan Diddaa Mootummaa Irratti Kaasuuf Deemu Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Karoora Leenjii fi Barnootaa Baasuun Haaragalfii Dhorkee Burjaajessuuf Yaalaa Jira

32Adoolessa 20,2015 Mootummaan Wayyaanee Wayita boqonnaa kanatti  Qeerroo dargaggootni barattootni Oromoo  dhaabbilee barnoota olaanoo fi sadarkaa hundaa Fincilaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffii mormii master Plan Finfinnee narratti kaasuu jedhuun soda keessa galee maqaa wal ga’ii jedhuun barattoota Oromoo burjaajessuuf akka jiru saaxilame.

Mootummaan Wayyaanee  sagalee Oromoo ukkamsuun yakka guddaa uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee barattootni Oromoo narratti kaasuuf jiru soda jedhu irraa maqaa walga’ii barattoota jedhuun burjaajii uumuuf akka saganteeffatee akka jiru odeessi keessa wayyaanee bahaa jiru saaxilee jira. Wayyaaneen soda guddaa Qeerroo barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo fi sadarkaa hundaa irraa deebi’uun barattoota sadarkaa 2ffaa fi tokkoffaa waliin ta’uun uummata Oromoo narratti kaasuun FDG narratti gaggeessuuf barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo ibsa narratti dabarsan jechuun maqaa walga’ii barattoota jedhuun sochii warraaqsaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo dura dhaabbachuun burjaajii fi olola afaan faajjeessa uumuuf akka jiruu saaxilame. Yeroo amma kanas miseensota isaa dursee galmeessuun walga’ichi akka walga’ii dirqamaa ta’eetti barattoota Oromoo hunda sadarkaa hundarratti teesisuuf akka jiruu saaxilamee jira.

Qeerroon barattootni Oromoo mootummaan Wayyaanee abbaa irree sanyummaan of ijaare jiru mirga uummata Oromoo sarbee gita bittaa isaa dheereffachuuf tirtiraa jiru bakka jirutti gatachuu fi dura dhaabbatnee mirga keenyaaf falmachuuf yeroon gamtaan ka’an amma jechuun dhaamsa waliif dabarsan.

Leave a comment