Yaa Sangaa Margasaa Malee, Hallayyaasaa Hin Agarre!

(Hariiroo Jorgootiin! Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

Barreessaa dhugaa baasa!Dhumnisaa maal akka ta’u kan walumaan ilaallu ta’a malee araddaa wayyaanotaatti jidduu kana sadoofi gammachuu, sirbaafii dhiichisa, ililbee…..faaruu, fakkarsuufi geerarsa ta’eera.

Filmaata waan filatan hin qabne, diraamaan wayyaanootaa, olaantummaa wayyaanotaan xumuramuusaa karaa bakka bu’aa wayyaanotaa boordii filmaataan erga labsamee jalqabee wayyaaneen bittaashee cubbuun guutame halaal godhattee dabalata waggaa shaniif seera qabeessa fakkeessuuf waan hin goone hin qabdu.

Namoota sagalee uummataa Wayyaaneef saamsisan tokko-shanee ganda keessaa yeroosuma galma miliiniyeemiitti, yaamtee miseensotashee dabballoota gandaa badhaasaa fi afeerraan bash!… gootee akka ture kan hunduu arginedha.

Dheengaddas, biiroolee mootummaa gara garaa keessaa kanneen filmaata kana irratti sagalee uummataa hachisiiseefi tokko-shaneetiin hojjettoota basaasaa turan, cimina hojii irratti agarsiisan jedhamanii badhaasni maallaqaafi geebaa achuma galma miliniyeemii keessatti arjoomameerafii. Yaa Sangaa Margasaa Malee

Leave a comment