Godina Jimmaa Aanaa Mannaa Magaalaa Yabbuu Keessatti Jiraatotaa fi Loltoota Wayyaanee Jidduutti Waldhabbii Ka’een Hokkorri Mootummaa Hammaate.

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 11,2015 Yabbuu

diddaa9Gaafa Waxabajjii 9,2015 Godina Jimmaa Aanaa Mannaa Magaalaa Yabbuutti yakki dirqisisanii gudeeduu Poolisotaa Wayyaaneen uummata irra qubsiiseen fudhatamuun walqabatee Uummatni naannichaa diddaa sirna mootummaa Itiyoophiyaaf qabu daran jabeesse,haalli kun naannicha irratti hammaachuu irraan Poolisootni Federaalaa Wayyaanes uummata irratti dhukaasa banan

Haalli rakkoon uummataa fi loltoota mootummaa jidduutti uumameen wal qabatees Uummatni Oromoo nagaan Magaalaa Yabbuu keessa jiraatuus mana isatti poolisootaan reebama bulan. Uummatni Oromoo nagaan reebamee madeeffamuu fi hedduun hidhamuu madden keenya gabaasan, maqaa namoota reebichaan hamaan irra ga’ee madeeffamanii fi kanneen hidhaman adda baasuun akka gabaasu madden Qeerroo Bilisummaa dhaaman.

Leave a comment