Caamsaa 28,2015 Midaa Qanyii
Uummatni Oromoo AANAA MIDAA QANYII ajjeechaa fi hidhaan mirga keenya falmachuu irraa duubatti nu laffisuu hin danda’u, jechuun FDG qabsiisuun wareegama qaalii kanfalaa jiran daran jabeessuun itti fufan. Uummatni Oromoo fi dargaggootni Qeerroon Oromoo wal jabeeffachuun dabballootaa fi ergamtoota Diinaa irratti mana galmaa diiguu fi akka ergamtootni Wayyaaneen OPDO’n nannooa gadhiisaanii uummata keessa bahaanif Uummatni walta’uun tarkaanfii irratti fudhachaa jira. Dabballootni Wayyaaneee fi koreen boordii filannoo wayyaanee OPDO UUmmataan reebaman, Manni isaanis irratti diigamee jira.
Gandoota AANAA MIDAA QANYII kanneen akka Baaroo Bidaaruu, Cuqqalaa Wangee, Goosuu Daamuu, Daamuu, GUddataa Gabaa Lagaa, Dirree Weennii, Kilicaa, Boquu Nissoo, Tuulluu Umburaa, Waayiloo, Goobee Kuraam, Galaan Gumjee, Haleeluu Goosuu, Bakkaafaa Abeetoo, kanneen jedhaman keessatti Goototni uummatni Oromoo Warraaqsa jabeessuun ergamtoota Wayyaanee uummata ficisiisaa jirtu irratti tarkaanfii reebichaa fudhachuun mirga abbaa biyyummaa keenya nu dhabsiisanii taa’uu hin qaban jechuun manni galmaa dabbaloota Wayyaanee fi koree boordii filannoo Wayyaanee irratti tarkaanfii uummatni fudhateen manni galmaa isaani diigameera, reebichaan ulfaatan irra qaqqabee jira.
Kana malees Caamsaa 27/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Sabboonaan Oromoo obboo Giddisaa Camadaa FDG irratti wareegame sirni gaggeessaa isaa guyyaa kaleessaa Bakka dhaloota isaa AANAA MIDAA QANYII ganda Galaan Gumjeetti bakka uummatni Oromoo kumootaan argamanitti gaggeeffame . sirna gaggeessaa Sabboonaa Oromoo kana irrattis Waraannii Wayyaanee bobbafamuun uummata gooluu fi dargaggoonni Oromoo dhadatnoo jajjabaa dhageessisaa akka turan Qeerroon gabaasa.