Godina Shaggar kaabaa ona kuyyuu ganda darroo birbirsaatti qarshiin kuma soddomii shaniifi midhaan kumtaalli kudha jaha ummatarraa walitti qabame as buuteen isaa dhabame.Wayyaaneen guyyaa filannoo ummataaf affeerraan godhama jettee maallaqaa fi midhaan sassaabaa turte dhimma filannoo isheef oolfatte.Ummannis waadaa galameef gaafa dhabu wayyaanee irratti finciluun raafama keessa buusuun addeeffame.
Ummanni filannoon keessan soba hojiin keessan hunduu soba jechuun mormiiisaa dhageessifachuun Wayyaanee baarragsan. Maallaqakeenya midhaan keenyas nuuf deebisaa nuti isin hin barbaadnu jechuun Wayyaanee kokkee qabaa oolan. Ummanni nuti nyaata fi dhugaatii osoo hin taane bilisummaa barbaanna kanaafuu lammin nu dhaqqabaa jechaa jiru.
amma lubbuuti nuti qeerroon oromia bilisummaa fidun dirqamaa dhala oromoo hundaati kanaaf,harka dirirsu qabna bilisummaa fiduf!