Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Keessaatti Barattooti Oromoo fi Sabaa fi Sab-Lammii Filatnoo Wayyaaneen Mormuun Korojoo Dhorkatan.

Yes We Can!!Caamsaa 26/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Filannoon fakkeessii mootummaa Wayyaanee Qooda fudhannaa barattoota Oromoo fi
Barattoota ilmaan sabaa fi Sablammoota biyyatti malee hafuun fashaala’e. Kaardii filannoo Wayyaanes bakka tokkotti walitti qabuun
dhorkatan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon gaggeeffamaa jiru, haqa dhabeessa fi kijiba afaan qawwee fi humna
waraanaan gaggeeffama jiruu waan ta’eef hin filannu jechuun murtii fudhatan. Mootummaan Wayyaanee barattoota dirqisiisee filachiisuuf
yaalii guddaa gochuun humna waraanaa fi tikaa hedduminaan Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olgalchuun barattoota doorsisuuf waraana
irratti bobbaasullee goototni barattootni Oromoo filmaata Wayyaanee irra tasuma qooda kan hin fudhannee ta’uu baaksisuun mormii guddaa
sirna wayyaaneef akka qaban ibsachuun kaardii filannoo wayyaanee walitti qabuun guban, filaamaticha irra qooda fudhachuun gatii kan hin
qabne ta’uu ibsan. Mootummaan wayyaanee barattootni Oromoo filmatichatti hirmaachuu waan didaniif guyyaa har’aa Yeroo 3ffaaf
barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bahaa nu filadhaa jechuun beeksisa maxxansan. Goototni barattootni Oromoo filmaata jechaa humna waraanaa fi pooliisii federaalaan nu doorsisuun dhaabbachuu qaba,
Mootummaan WAyyaanee biyya goolessaa waan jiruuf yakka uummata biyyattii fi keessattuu Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf
seeratti dhiyaachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsan. Sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon Mootummaan EPRDF/TPLF maqaa dimookiraasiin dahatee gaggeessa jiru filannoo utuu hin ta’ii shororkeessummaadha, keessattu abbaan irrummaa fi jibbinsii guddaan Mootummaan kun Uummata Oromoof qabu ifatti kan ittin muldhatee fi mootummaa gara laafina tokko malee bara darbee irraa eegaluun ilmaan Oromoo gara jabeenyaan ajjeessaa, hidhaa fi barnoota irraa arii’achaa jiran waan ta’eef yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti irra deddeebi’ee rawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa EPRDF/TPLF fi Mootummaa naannoo Oromiyaan bulcha jechaa jiru OPDO ta’uu gadi jabeessuun dhaamsa dabarasan.
Yeroo amma kanatti goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa maqaa FDG narratti kaasuuf jedhuun yaaddoo hamaan qabamee humna waraanaa fi poolisii federaalaan Yuunibarsiitii Jimmaa eegaa jiraachuun ibsame.

Leave a comment