Barattoota Oromoo Yuniversitii Walqixxee Filannoo Kijibaa Hin Filatiin Hafan,FDGs Yuuniversitiilee Biroo Keessatti Itti Fufe!‏

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 26,2015
Wayita ammaa kana dhaabbilee barnootaa yuuniversitii Oromiyaa keessa jiraanii fi naanno biraattis argamu keessatti FDGbarattoota
sabboontota Oromootin finiinaa jiraachuun waan beekamee uummata, hojjetoota mootummaas itti hirmaachisuudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuuf itti fufee jiruudha, filannoo kijibaatiin kubbuun namaa osoo darbuu jaallan hedduun mana hidhaatti waraana wayyaaneen qabamanii utuu guuramanii akkamiin nama callisiisa jechuudhaan akkasuma diddaa utuu dhukaasni irratti dhuka’uu barattootni
yuuniversitii Bulee Horaa keessatti kaasan rasaasa dura dhaabbatanii falmii gageessuu fi tarkaanfii konkolaataa wayyaanee 4 irratti
fudhatuu deeman uummata kan boonsee hanga har’aatti mooraan Yuuniversitii Bulee Horaa dirree qabsoo fakkaattee kan jirtuu, haaluma
kanaan yuuniversitii Walqixxee keessatti barattootni naannoo Oromiyaa irraa dhufan filannoo irratti guutummaan guututti hin hirmaanne nuti filanno dhugaa fi diimokiraasi jennee yeroo keenya hin balleessinu jechuudhaan filannoon naannoo oromiyaatti barattoota oromoo moorichaan hin gaggeeffamin hafuu Qeerroon har’a gabaase,yuuniversitiilee kanneen akka Haromayyaa, Hawaasaa, Asellaa,Walloo, Dirre Dawaa fi Mattuu keessatti waraqaa filannoo irratti barattootni akkuma jirutti Haayilamariyamin gaggeessuudhaaf kunoo Hihadegin filleerra,
OPDOn ergamtuudha, hattuudha, abba garaati Uummatatti taphachuun haa dhaabbatu, kan hidhaman haa bahan, sagaleen
keenya haa dhagahamu,
Filannoon amma gaggeeffamuu isaatii diimokiraasiidhaan? Kan filannu hin barre, Mootummaan kun ammas yeelloo malee aangoo isaatti fufuufii? Ofii keessani of filtanii filannoo jettuu nuti miseensa ABOti, Mootummaa naggaadee waliin tapha hin deemnu bosonatti galla malee
Kan jedhu waraqoota filannoo irratti barreessuun gabaasni nu gahe addeessa. Akkuma yeroodhaa yerootti gabaasni ibsu ammas mootummaan Wayyaanee FDG aangoo irraa nu buusa jedhee shakkuu irraan barattoota yuuniversitii fi manneen barnootaa keessaa fi alatti humna waraana isaa qubachiisee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Leave a comment