Caamsaa 25, Godinaalee Bahaa wallaggaa fi Godina horroo Guduruu Wallaggaatti Uummatni oromoo fi qeerroon dargaggootni Oromoo FDG kaachisuun filannoo Waliin dhahaa wayyaanee dura dhaabbachuun falmachaa jiru.
Godina Bahaa wallaggaa aanaawwaan: Siree, Waamaa Hagaloo , Billoo Boshee, Bonayyaa Boshee, Saasiggaa, Giyyaa Ayyaanaa, Giddaa Kiiramuu, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa : Jimmaa Gannatii fi Haratoo, Jimmaa Raaree Waayyuu, Habaaboo Guduruu fi Daduu, Guduruu, Fincaaaa, Shaambuu, Hamuuruu, Jaartee Jaardagaa kanneen Jedhaman hunda irratti haala walfakkattuun uummatni filanoo waliin dhahaa Wayyaaneen mirgii keenyaa sarbamaa jira, Dimookiraasiin hin jiru, lafa dimookiraasiin hin jirreetti filannoon dharaa gaggeeffamuun gatii hin qabu jechuun uummatni mormii isaa buufata filannoo wayyaanee biratti argamuun dhageesisa jira. Keessattuu filannoon wayyaanee dabbalootaa fi kaadiroota isaatiin halkaan raawwate, korojoon wayyaanees ganamaan guutamee waan jiruuf uummatni Filannoo wayyaanee ni balaaleffannaa jechuun sagalee akka dhageesisuu eegaletti wayyaaneen loltoota itti bobbaasuun kan bittinneessa olte tauu madden keenya gabaasan. Bakkeewwan eeramaan hunda irraa taajjabduun sagalee kan paartii mormitoota KFO ganaamaan Ariiamuu fi kanneen reebamanii kaan immoo hidhamuun filannoon wayyaanee abbaan irrummaa gaafaa baasuu uummatatti argisiisee jira.
Yeoo amma kana Godinaalee Lamaan irratti guyyaa boruu FDG Qeerroo dargaggootaa Oromoo fi uummata Oromootiin nurraatti jabaachuu mala sababaa jedhuun humni Waraanaa gurguddaan kellaawwaan hundaa fi Gandoota baadiyyaa irraa qubsiifamaa jiraachuu madden keenya bakkoota lamaan irraa iyyuu gabaasan.