Caamsaa 25,2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.
Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis: