Badiyyyaa Keessa Daandiin Konkolaataa Mijataa Waan Hin Taaneef Deemsa Sochii Bakkaa Bakkaa Ariitiif Dhimma Filannoof Daldaltoota Dhok-dhokkee(Motor Saayikilii) Qaban Dirqamaan Akka Mootummaa Tajaajilan Tahaa Jira.

Odeessa Qeerroo,Caamsaa 23,2015
Naqamte gazFilannoon hiika hin taane, filannoon dhugaan keessa hin jirre, kan maqaan diimokiraasii keessi isaa hannaan guutuu ta’e filannoo uummata Oromoo gabrummaatti hambisu malee dheebuu fi qabsoon oromoo rarraasee hambisu irratti daldaltoota gandaa godinatti taajjabdoota gaggeessuuf kanneen dhok-dhokkee qaban dirqisisan, isaaniis nuti dhuunfaaf malee mootummaadhaaf miti kan dhaabbane jechuun didan, mootummaan Wayyaanee namni ajaja isaa didu kamuu isaaf diina qabeenya isaanii kan dhorkatan diinummaadhaan hidhaman.

Oromiyaa naannoo Shaggar kaabaa, baha Shaggar, Wallaggaa, lixa shawaa baadiyaalee keessa jiran Filannoon mirga uummata Oromoo yoomiyyuu kabachiisee hin beeku, kanaaf qabeenyaan keenya mootummaa diina uummata oromoo tajaajiluu hin qabu, kana nurraa hin eegina jedhanii qaanessan kanneen miseensota isaanii ta’anif gargaarsa kanaaf waadaa seenan, sababuma qabeenyaa isaaniin mootummaa tajaajiluu didaniifis qabamanii hidhaman kunis gabaasni isaa godina Wallagga Qellem irraa,akkasuma shawaa kabaa naannoo Kuyyuu irraa namootni hidhaman jiraachuu Qeerroon gabaase. Dabalataan lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa keessaa namootni lama filannoon mootumma akka hin gaggeeffamneef uummata gorsan, adda durummaadhaan guyyaa boruu fincila kaasuuf deemu jechuun tika mootummaa command post fi bulchiinsa aanichaan hordofamuu irraan namootni kun lamaan miliqanii biyyaa bahuu gabaasni addeessa. Namootni kunis Baacaa Shuglee fi Ittaansaa Gizawuu kan jedhamaniidha.
Tika mootummaatiin hordofamaa akka jiran odeessi nugahe kan addeesuu fi magaalaan Ayiraa fi Gullisoo humna waraana wayyaaneen qabamee
jiraachuu Qeerroon gabaasa. Uummanis waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan waraanaan maaliif nu doorsisa jechuun uummanni wallagga
lixaa Ayira Gullisoo fincila kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Leave a comment