Caamsaa 22,2015 Giddaa Ayyaanaa
Hiriirri mormii sirna Wayyaanee EPRDF mata duree biyya abbaa ofii garboomfataa Habashaa jalaa baasuuf jedhu Giidda Ayyaanaa keessatti barattoota Oromoon gaggeeffame.
Jimaata har’aa Gidda magaalaa Ayyaanaa jedhamu keessatti warraaksa FDG Qeerroo barattoota sabboontota Oromootiin dhalate hiriirri guddaa taasifame, haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa dheengadda barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti haleellaa geggeessee barattoota madeessee kan ture waraanni Wayyaanee magaalaa Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaatti utuu imaluu fi fooggalaan deema utuu jedhuu malkaa macci malkaa laga angar irratti balaa konkolaataan poolisooti paatrooliin tokko guutummaatti caccabanii hospitaala Naqamteetti guuramuu fi namoonni saddeet gara malee madaawuu gabaasi nu gahe addeessa