Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.
Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa. Saaminsi, cunqursaan, buqqa’insi fi dhiittaan mirga dhala namaa waggoota 24 dabraniif adeemsifamee fi sadarkaan har’a irra gahe egeree biyyattii kan dukkaneesse, ummatoota kan abdii dhabsiise dha.
Wayyaaneen qawween dhufe. Qawweenis jiraate. Fuula duras Itophiyaa abbaa irrummaa paartii tokkoo jala tursuun murtii isaa bosonaa qabatee dhufe tahuun kan shakkamu miti. Ammas kana ifaan labsatee jira.Ibsa ABO Filannoo Wayyaanee 2015 ilaalchisee
