Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 18,2015
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoonni Oromoo lama beek-suura( poster) filannoo Wayyaaneen ittiin ofbeeksisuuf maxxansatte kan suuraa dorgomtoota OPDO dabalatee manneen uumataa fi iddoo buufata adda addaatti maxane irraa buqifatanii ciccirtan sababaa jedhuun badii tokkoon malee qabuun hidhaatti darbuun isaanii beekame.
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda bachoo booretti beek-suura Wayyaaneen mana rifeensaa tokko irratti maxxansite gaafa caamsaa14/2015 halkan dorgomtoota OPDO mana maree naannoof dorgoman lama kanneen maqaan isaanii akka itti aanutti caqafaman kunniin beek-suura irraa jara kaan keessa adda bafamuun kutamee jira.Dorgomtoonni kun:
1.Obboo Solomoon Abbabaa kantiibaa magaalaa jimmaa
OPDO bakka bu’uun mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
2.Obboo Muktaar Kadiir perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
Yeroo ta’an daraggoota Oromoo suuraa jara kanaa fi dhaadessa filannoo Wayyaanee magaalaa keessaa funaantanii cirtaniittu sababaa jedhuun badii malee yeroo ammaa mana hidhaa keessa buusanii jiraachuun Qeerroon gabaase.
Dargaggoonni kun yeroo ammaa mana hidhaa Alaazaar kan magaalaa jimmaatti argamu keessaa hadhaa dararaa dhan dhamaa jiru. Isaanis
1.Dargaggoo Amiin konkolaachisaa baajaajii
2.Dargaggoo Amrallaa rifeensa sirreessee of jiraachisa.
Magaalan Jimmaa sakatta’iinsa fi ugguroo mootummaan Wayyaanee ummata nagaarratti gootun goolamaa jirti.
Pingback: Oromo | Oromia: Gadaa.com-FinfinneTribune QEERROO: Poster Dhadesse Filannoo Kaabinoota Wannaanee Bakkoota Maxxanfame Irraa Funaanuun Cirtan Sababaa Jedhuun Dargaggoonni Oromoo Badii Malee Hidhamaa Jiru |