Caamsaa 15,2015 Gabaasa Qeerroo Mettaa Roobii
Uummatni Oromoo Aanaa Meettaa Roobii sirna bulchiinsa Wayyaanee EPRDF diduun ejjetnoo FDG itti fufuu kan murteeffatan ta’uu wal hubachiisan. Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee diddaan warraaqsa Oromoo itti hammaachuu irraan waan qabee gadhiisu dhabee waan jirtuuf ummata dararaa jira. Yeroo ammaa kanatti Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa, Magaalaa Gooroo, Magaalaa Shinoo fi iddoowwan birootti uummatni wal hubachuun qajeelfama Wayyaanee irraa darbu fudhachuu diduun bulchitoota ergamtoota Wayyaanee hundaaf ajajamuu dhaabee jira.
Kanuma waliin Oromiyaa bakka gara garaa keessatti Poolisoonni fi dabballootni mootummaa Wayyaanees manneen namootaa irra naanna’uudhaan nama ‘Oromiya Media Network’ hordofu qabanii hidhuudhaan dararaa jiraachuun beekame. Yuniversitiilee adda addaa keessattis sababaa Qeerroon Oromootu uummata nurraatti kaase jechuun hordoffii guddaa fi doorsisa guddaa barattoota Oromoo irratti gochuun daran uummataa fi dargaggeessi akka Wayyaanee irratti qabsaa’u kan godhe ta’uu maddeen keenya gabaasan.
Haaluma walfakkaatuun bulchaan bulchiinsa Aanaa Meettaa Roobii torbee darbe keessa konkolaataa ummata fe’ee deemuu tokko keessa Miseensota Qeerroo fi miseensota KFO keessa jira jechuudhaan gommaa konkolaataatti yommuu dhukaasuuf jedhutti konkolaatichi ummataan garagalee namootni hunduu madaa’uun mana yaalaa akka jiranii fi sababa kanaan walqabatee ummatni yeroodhaa gara yerootti bahee sagalee isaa dhageessisaa akka jiruu fi magaalaan Shinoo humna poolisii federaalaan weeraramtee akka jirtu gabaasaan nu qaqqabe jiruu ifa godhee jira.
Pingback: Oromo | Oromia: Gadaa.com-FinfinneTribune QEERROO: Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessa Jiraatan Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufuuf Murteeffatan |