Liqaa Xaahoo Kafalaa Jechuun Mootommaan Wayyaanee Qonnaan Bultoota Saamee Harka Qullaa Hambisaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 12,2015

Oromia samamaa jirtuMootummaan Wayyaanee baankii hojii gamtaa Oromiyaan waliin ta’uun uummata xaa’oon isinii raabsa jechuun saamaa jira
Baankileen Impaayerattii keessa dhala ga’aa kan maamiltootaaf hin herregnee fi afaaniin dhibbantaa(%) shan sii dhala jedhama haata’u malee Baankiin hojii gamtaa uummattota qonnaan bultotaaf qarshii erga liqeesseefii booda dhala persentii kudha tokkoo ol irraa fudhata
Yeroo ammaa kana baadiyyaa Oromiyaatti qarshii isaanii raabsanii xaa’oo akka ittin fudhattaniif haala isiniif mijeessina jedhu garuu qonnaan bultoonni kan oomishan rakasee gabaa waan dhabeef qotiyyoo qaban gurguranii liqii mootummaa Wayyaaneef kanfalu wayita arfaasaa kana itti guuranii baadiyyaa Oromiyaa kasaarsaa jiraachuu isaaniif qonnaan bultooti Oromiyaan ragaadha.

Leave a comment