Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen filannoo sossobbii ummataan gowwoomsuf qopheeffateen daran rakkachaa jira . Sirni gita bittuu Wayyaanee erga guyyaa wixinamee gadi dhaabbattee eegalee kallattiinis haa ta’uu al kallattiin karaa dhaabota maxxannee kanneen akka OPDO tin saboota cunqurfamoo dararaa jira. Keessumattuu madaa mogolee itti ta’uun kan hirriiba fi boqonnaa ishee dhoowwate sochii ummanni oromoo bilisummaa isaatif taasisu dura dhaabbachuuf jecha ilmaan Oromoo hidhaan dararaa, lubbuudhaahis hobbaasaa turte har’as ittuma jirti.Ummanni Oromoos gochaa kanaaf osoo guyyaa tokko illee gadi hin jedhin kufaa diina isaa kuffisuun qabsoo finiinsaa jira. Amma illee hanga bilisummaatti itti fufaa jira!