Adaamaa Ganda Qonnaan Bulaa Marabbee Marmaarsaa fi Guraajjaa Furdaa Jedhamu Keessatti Maqaa Filannoon Qonnaan Bultooti Dararamaa Jiraachuun Qeerroon Gabaase.

Caamsaa 13,2015 Adaamaa

Wayyaanee TPLF Sodaa filannoo baranaa irraa qabuun mootummaan tokko shaneen ummata goolaa jira.

Filmaata WayyaaneeMootummaan abbaa irree Wayyaanee shakkii paartiin mormituu ummata narratti dammakse jedhuun dabballoota isaa ummata keessa facaasuun soddaachisaa jira, Aanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Marabbee marmaarsaa fi guraajjaa furdaa jedhamu keessatti ergamtooti Wayyaanee tokko shaneedhan mana qonnaan bultootaa irra deemuun foormii kanniisa filadhaa jedhuu fi maqaa akkasumas miseensummaa of irraa qabu irratti qonnaan bultoota galmeessuun ummatni akka kanniisa filatu dirqamaan mallatteesisaa jiru ,dargaggoonni naannichaa garuu akka hin mallatteesineef dura dhaabbachuun ergaa dabarsaa jiru.

Leave a comment