Gabaasa Qeerroo Caamsaa 7,2015
Hiikkaan siyaasaa “ Filaannoo “ jedhu dabee Mootummaa Wayyaneef umurii bittaa isaa kan ittiin dheereffatu mala jireenyaa ta’ee jira, Ammoo Uummata Oromoo garuu yaaddoo bara gabrummaa biraan itti dheeratu ta’uu irraa mankaaraara guddaatu kanaan qabee isa eeggata.
Haalli kun daran yaaddessaa ta’uu irraan uummanni Oromoo FDG waan ajbeessaa jiruuf gartuun dabballoota OPDO/TPLF takka takka gandoota Oromiyaa keessaa irraatti uummata walitti qabuun Ijjoollee keessaan dhowwaadhaa ! humna mootummaa ol ta’anii waan jiraniif abbootiin ijoollee akka dargaggoonni keessan mootummaa irratti hin kaaneef mallatteessaa jechuun ummaata irraan darara ammana hin jedhamne gaha Jiru.akka fkn Kibba Lixa Shaggar Gandoota aanaa Iluu fi Dawoo keessatti haalli kun daraan mullachaa dhufera.
Gandoota aanaa Iluu kan akka Bilii,kulee Gafarsaa, magaala Tajii, Asgorii fi kan biroo keessatti uummata sodaa irraan kan ka’ee itti duula jiran akkasuma Gandoota aanaa Daawoo kan akka Qarsaa Gaallutee, Qancaraa Aliitoo, Garbii kallachoo, Ulmaa Buusaa, Daawoo Dirree, magaala Buusaa fi kan bira keessatti Uummata goolaa fi Doorsisaa jiran.
Daraggoonni Oromoo ykn Qeerroon haala kana hubate filmaata sobaa Wayyaanee irratti hirmaachuu dhiisuuf qophiitti akka jiran dhaammatu.