“Amma Miti Yeroon” Walaloo

Amma Miti Yeroon

 Kiyyaa Tesfaye

Kiyyaa TesfayeBarbadaa gubaa garaatti baadhannee

maaf injiraaniif mataa hoqannee ?

maqaa waliif baafnee maa walqoqodnee

dubbii arrabaa osoo garaa kaawannee

tokkoomuu Oromoo hundi amanee

tureerra silaa kan billiisomnee

Haalaan walbaruun dansa walbeekumsii

Lammiin Oromootaa Tokkummaa jabeessi,

Shira diinni xasuun walqoqqooduu dhiisii

Yaa ilmaan Oromoo mee qabsoo kee cimsii

Walabummaa Oromoof warraaqsa jabeessii

Amma miti yeroon yeroon wal hamachuu

Lagaafi amantaan adda fafagaachuu

Hunduu yeroo qaba booda nii qaqabnaa

mee dura biyya irraa Wayyaanee ariinaa

Gaafa billiisoomne tenyee wal qoranaa

Warreen adabaman dhugaan adabanaa

Amma miti yeroon maalif wal qoqodnaa.

Leave a comment