Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giincii Keessatti Mormii Sirna Gabroomfataa Wayyaanee (Itiyophiyaa) Jabaatee Itti Fufe. Yaadatnoon Gootota Ebla 2014 Wareegamaniis Taasifamuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar,Caamsaa 3,2015

diddaa9Because I am OromoMootummaan wayyaanee mormii uummataa fi diddaa dargaggoota qeerroo barattoota Oromoo irra FDG itti qabsiifamaa jiruun muddama keessa seeneen ammas dargaggoota Oromoo mirga uummata Oromoo kabachiisuuf Onnatan irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu egalee jira. Yeroo amma kanatti, keessattuu Ebla 30/2015 irraa eegaluun yakki suukaneessaa barattoota dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo jiraattoota magaalaa Giincii irratti fudhatamaa jiraachuun ibsame jira. Dargaggootni barattootni Oromoos balleessa tokko malee hidhattis darbatama jiraachuun ibsame jira. Haaluma kanaan dargaggootni barattootni Oromoo hidhaatti darbamuun dabbasaa(Rifeensii) mataa isaanii humna poolisoota Federaalaa fi dabballootaan irraa haadamaa jiraachuun gabaafamera. Kanneen haala kanaan dararamaa jiran keessaas:

  1. Barataa Kumaa Tuujjoo m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa
  2. Barataa Leellisaa Ifaa m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina kan ta’aan barattootni Oromoo kun lamaan badii tokko malee humna poolisii Federaalaan ukkanfamuun wajjiraa Poolisii magaalaa Giinciitti darbamuun mataan isaanii kanneen irraa haadamee fi dararaaman yoo ta’u
  3. Addee Giddiittuu Kitaabaa dubartii gannaa 60 kan hojii dhunfaa isaanii hojjetanii Magaalaa Giincii keessa jiratan ilmi kee uummata nurratti kakasaa jira kanaan booda mucaa kee haaduudhaan qallaa, mana kees sirratti gubna  jechuun qabanii wajjiraa poolisii galchuun doorsisuun kan gadi gadhifaman
  4. Obboo Tukkummaa Daksiisaa jiraataa magaalaa giincii kan ta’ee uummata nurratti kakaasaa jirta jechuun hidhaman,
  5. Barataa Obsaa Abdiisaa m/b Giincii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina irra humna poolisii federaalaan qabamee hidhatti kanneen darbaman keessatti kan argamu, dabalatee barattootni Oromoo fi uummatni magaalaa giincii humna Poolisii Federaalaa fi poolisoota ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n dararamaa jiraachuu maddee qeerroo Magaalaa Giincii irraa gabaasa jiru.

Yakka suukanneessaa Ummata Oromoo nagaa jiraattoota  Aanaa Dandii magaalaa Giincii  gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jiran irraatti dabballootni fi basaastootni wayyaanee ergama diinummaa butachuun uummata dararsiisa jiran:

  1. Taaddalaa Humneessaa dabbalee wayyaanee ergama adda fudhachuun barattoota Oromoo dararuuf kan bobba’ee fi nama barattoota Oromoo hidhamanii jiran irraa mataa gogaa haadaa jiruu fi yakka gara jabeenya ilmaan Oromoo irratti fudhachaa jiru.
  2. Mardaasaa Margaa itti gaafatamaa waajjira milishaa Aanaa Dandii maagaalaa Giincii, fi dabbaallee OPDO olaanaa Aaanicha.
  3. Mulgeetaa Dabbabaa, yeroo ammaa kana OPDO bakka bu’uun filannoo fakkeesii fi sobaa wayyaanee keessatti wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDOf kan dorgomaa jiraniifi uummata hidhaa, reebichaan dararaa kan jiru.
  4. Handaarsaa kan jedhamuu dabballee mootummaa abbaa irree wayaanee beekamaa fi yeroo garaagaraatti uummata Oromoo dararaa kan ture,  ta’uun uummatni Oromoo Aanaa Dandii irratti dammaquun ergamtoota diina kana irraa of eeggachuun mormii guddaan akka dura dhaabbachuuf jiran dhaamsa dabarfatan.

 

Leave a comment