Caamsaa 2,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.
Bara bulchiinsa Dargii keessa bara 1969 ALA mootummaan Dargii yerosii uummata Habashoota Kaabaa irraa sababaa beelaa fi qubsuma jedhuun lafa gabbataa fi bosona kan ta’e Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa lafa baldhaa Hangar Guttiin jedhamu bulchiisa Oromiyaa jalaa baasanii bulchiinsa naannoo Amaaraa jala galchuuf qophii xumurachuun mootummaa Wayyaanee keessa beektota aangawoota Wayyaanee dubbatan.
Akka keessa beektonni saaxilanitti dacheen Oromoo kun aanaa Giddaa Ayyanaa jalaa bahee Aanaa Hangar Guttin jedhamee moggaafamuun itti waamama mootummaa Amaaraaf akka ta’u kan murteesse mootummaa Feedareaala Itiyoophiyaa yeroo ta’u hala kana uummati Oromoo kan falmu yoo ta’es mootummaan Wayyaanee akka humnaan dura dhabbachuuf deemu ammaan dhadachaa akka jiru keessa beektonni ibsaa jiru.
Haalli kun akkasitti kan itti fufu taanaan uummanni Oromoo baha Oromiyaa fi Kaaba Oromiyaa irraa akka qabeenyaa fi lafa isaa dhabaa deemu beekamaa waan ta’eef uummati Oromoo waliigalatti gaaffii master pilaanitti dabalee FDG alaa fi keessaan qindeeffachuun dachii Oromiyaa falmachuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon gabaasa.