Yuuniversitiilee Oromiyaa 7 fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Qabsiifame Jabaate.

Gabaasa Qeerroo diddaa dhaabbilee barnootaa har’a Ebla 30,2015 keessatti gaggeessaa ture.

diddaa9Oromiyaa keessatti wayita ammaa uummata Oromootiin, barattootaan, hojjetaa mootummaatiin yeroo garaagaraatti finiinaa jira. Diddaa hanga dhuma mootumma Wayyaanee itti gochuutiin, keesssattuu barri kun keesumaa baatiin kun mootummaa Wayyaaneef sodaa guddaadha, bara xumura isaa tahuu, dhuma aangoo mootummaa Wayyaanee fi bara qabsoon oromoo injifannoo itti argattuudha. Qeerroon Bilisummaa torbee kana keessa manneen barnootaa, Yuuniversitii fi Koollejji garagaraa keessatti diddaan akka baarragu dhaammataa ture,waggaa darbe yeroon kun/ baatiin kun uummata oromoof yeroo gaddaa fi barabaraan yaadatamaa deemuudha.  Guyyaa Har’aa Ebla 30/2015 Yuuniversitiilee garagaraa keessatti barattootni barumsa dhaabuudhaan, hucuu gaddaa uffatuun gadi bahanii guyyicha adda taasisuun kabajuu fi FDGs adeemsisuu irratti dhaamsa Qeerroo torbeewwan kana keessa dhaamamaa tureedha.  Odeessa Qeerroo Yuuniversitii irraa argameen tokko tokoon akka kanaa gadiiti.

Gabaasa Guutuu Argaachuuf PDFn:- Gabaasa Diddaa Barattoota Ebla 30 2015

1 thought on “Yuuniversitiilee Oromiyaa 7 fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Qabsiifame Jabaate.

  1. Falmaan yeroo hamma yerotti ittuma fufa. Keessattuu filmaata kana irratti Oromoon keessaa fi alaan ka’ee filmaata sobaa kana FDG tiin dura dhaabbatee yeroo gabrummaa gabaabsuun filmaata duraa ta’a.

    Qeerron karaa danda’amu hundaan barattoota saba biro fi ummata saba biroos akka FDG kana irraa qooda fudhatan haalaan irratti hojjechu qabdan. Sababni isaa, mootummaan gabroomfataan diina saba biyya san keessa jiru hundaati waan saba Tigre hin ta’in. Kanaafuu saboota biroo waliin hojjechuun heddu bu’aa guddaa qaba

    Karaa biraan humn wayyaanee bittinneesuuf, FDG filmaata kana irratti akka magaalotii biyya guutuu keesa jiru maratti akka ta’u irratti hojjechuu. Manneen barnoota kan guutuu biyyaa keessa jiru hamma sadarkaa gadiitti akka guyyaa Universotiin biyyooleysaa hiriira ba’an waliin ba’uu danda’an irratti hojjechuu hedduu bu’aa guddaa qaba.

Leave a comment