Mootummaan Wayyaanee Duula Oromoo Dararuu Baranas Ambotti Bobba’e!!
Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Naannoo Midaaqenyii Irraa Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF Humna Poolisii Federaalaa Bobbaasuun Ilmaan Oromoo Nagaa Hidhaatti Ukkaamsaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Haaluma kanaan Ebla 29 fi 30,2015 sabboontotni Qeerroon barattootni Oromoo ukkanfamanii mana hidhatti darbamani jiran
- Getachoow (Gadaa) Darajjee bara darbe Yuunibarsiitii Jimmaa irra kan eebbifamee fi Yuunibarsiitii Jimmattis Oromummaan Yakkamee dararamaa kan ture.
- Dargaggoo Taarikuu Deebisaa asiin fuldura mana hidhaa qaallittii keessatti badii tokko malee hidhamuun waggaa 3 turee kan bahe.
- Barsiisaa Biraanuu kan jedhamu Yuunibarsity Refit Valley damee Ambootti itti aanaa Dean kan ta’ee,
- Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa Ogeessaa fayyaa yuunibarsiitii Amboo fi barataa Yuunibarsiitichaa kan ta’ee,
- Dargaggoo Mararaa Tujubaa jiraataa magaalaa Amboo kan ta’ee,
- Dargaggoogoo Abdataa Olaansaa jiraataa magaalaa Amboo asiin fulduraasa yakka tokko malee mana hidhaa qaallittiitti hidhamee dararamaa kan ture.
- Barataa hoomaa Hundeessaa, barataa kolleejjii
- Abdataa OLaansaa
- Argamsiisaa Leenjisaa, barataa civil emngeering waggaa 4ffaa barataa Yuunibarsiitii Amboo kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo hedduun Amboo irratti badii tokko malee Oromummaan yakkamuun hidhatti kan guuraman yoo ta’uu.
Kana malee aanaa haaluma wal fakkaatuun barattootni oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina irraa hidhatti darbamuun dararamaa jiraan ibsame jira, kanneen hidhaman keessa kan maqaan nu qaqqabe jiru,
- Misgaanuu Deebisaa barataa kutaa 12ffaa
- Sisaayi Lammeessaa
- Dargaggoo Galataa Caalumaa hojii dhuunfaa isaa hojjetatee kan jiraacha jiru
- Cimdeessaa Muxxaas barataa kutaa 12ffaa fi asiin fuldura waggaa sadiif mana hidhaa qaallittii dararamaa turee kan bahee amma immoo barnoota utuu barachaa jiruu kan qabame dabalatee ilmaan Oromoo hedduun hidhatti darbamanii dararamaa jiraachuu madden keenya Lixa Shaggaar Amboo irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree tooftaa diinummaa isaa ilmaan Oromoo irratti fudhachaa kan jiruu yoo ta’uu adeemsii kun ittumaa ilmaan Oromoo gara qabsoo warraaqsaa FDGtti kan kakkaasuu fi ittumaa mootummaa Wayyaanee dhiphina keessa galcha kan jiruu ta’uu isaa fi ilmaan Oromoo ifatti hidhaan, ajjeechaan, doorsifnii fi barnoota irraa arii’amuun FDG gaggeessa jirruu irraa duubatti nu hin adeemsisuu, uummatni keenyaa bakka jirtan hundaa harka walqabatnee FDGtti haa jabaatnu jechuun dhaamsa dabarsatan.