Gabaasa Qeerroo Ebla 30,2015
Barruuleen warraaqsaa Yuunivarsiitii Wallaggaa,magaalaa Naqamtee kutaa boordii,Bakkejamaa fi Kolleejjii barsiisotaa Naqamtee keessa itti maxxansamuudhaan kan rifate Wayyaaneen guyyaa har’aa Ebla 30,2015 kolleejji barsiisotaa Naqamtee keessatti barsiisotaa fi barattoota guyyaa fi galgala baratan hunda walgahii ariifachiisaa waamee jira. Haalli kun sa’aa ammaa magaalaa Naqamtee keessatti kan raawatamaa jiru yeroo ta’u gabaasa guutuu Qeerroon dabalee dhiheessa.
Gama biraan Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yunversity Maddaa Walaabuu hidhaa fi hordofii cimaan dararaa jirti. Guyyaa har’a barattoota Oromoo lama polisii Wayyaaneen qabamanii jiru, isaan keessaa tokko barataa Falmataa Kumsaa kan jedhamuu fi bakkii dhaloota isaa Godina kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa kan ta’ee akka keessatti argamu baramee jira.