Ogeessa Fayyaa fi Barataa Yuuniverstii Amboo Kan Ta’e Sabboonaa Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa Humnoota Tika Wayyaaneen Ukkaamfame.

Ebla 29,2015 Amboo

Because I am OromoSabboontichi ilmi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaan, magaala Amboo keessaatti hojii fayyaa (nursing) kan hojjetu yeroo ta’u gaafa Ebla 22,2015 dhimma hojii dhuunfaaf naannoo Boolee deemee osoo jiruu ganama sa’aa 7:00WD irratti qaamni tika Wayyaanee magaalaa Amboo irraa eegalanii jala bu’uun Finfinnee erga gahanii ukkaamsuu isaanii Qeerroon magaala Amboo irraa gabaasee jira.

Qaamni tika Wayyaanee hordofiin isa faana bu’aa tures maqaan isaa Mekonnin Gamma nama jedhmamu  yeroo ta’u namni kun waggoota mursaaf darban irraa kaasee barattoota Yuuniversitii Amboo fi Wallagga irratti ramadamee dargaggoota Oromoo hedduu kan qabsiisaa ture ta’uun beekamaa dha. Kana malees namni Mekonnin jedhamu basaasi Wayyaanee kun uummata Amboo biratti maqaa Bulguu  jedhamuun akka beekamu uumataafis ta’e barattootaaf ifaadha.

Haaluma kanaan sabboontichi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa hanga ammaatti bakka buuteen isaa dhabamee jiraachuun hoggansi Qeerroo Amboo irraa addeessa.