Gocha Sukkanneessaa Lammiiwwan Oromoo fi Itiyophiyaa Baqattummaan Biyya Ambaa Jiraatan Irratti Raawwatamaa Jiruuf Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamuu Qaba.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa addatti dargaggootni biyyattii dhiibbaa mootummaan faashistii Wayyaanee gaggeessaa jiruu fi tureen dirqamuun baqattooti lakkoofsa guddaan gara biyyoottan ollaa fi baha fagootti godaanuuf dirqaman. Carraan dargaggootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhaa, ajjeechaa, doorsifamaa fi hojii dhablee tahuu dha. Dargaggootni Bulchinsa Impaayera Itoophiyaa keessaa abbaa biyyummaa mulqaman, Hojii dhabdummaan cinqatanii fi hidhaan itti hammaatte gammoojjii sahaaraa fi garba akkasumas galaana keessatti qorraa fi dheebuu dandamachaa kaan ajjeefamaa biyyoottan garaa garaatti baqachuuf dirqamu.
Dargaggootaa fi lammiilee gara biyyoottan garaa garaatti baqatan irratti miidhaan dhala namaaf hin malle waggaa 24 guutuu bulchinsa sirna Wayyaanee keessatti gaggeeffamaa asiin gahe. Mootummaan Wayyaanee garuu lammiiwwan abbaa biyyummaa isaanii mulqamanii godaansa filatan ‘’ baqatttoota, shororkeessitoota… itti maxxansuudhaan biyya ambaa deeman keessatti illee nagaa fi tasgabbii akka hin arganne taasisaa asiin gahe. Daandii godaansaa fi biyyoota ambaa keessatti dhangala’insa dhiigaa fi lubbuu godhamaa tureefis akka quba hin qabneettii usee irra tarkaanfachaa asiin gahe.
Miidiyaaleen Addunyaa garaa garaa lammiiwwan Itoophiyaa galaanaan, Gammoojjii fi harka dhala namaa garaa jabina raawwataniin ajjeefaman wayita gabaasu mootummaan Itoophiyaa garuu haaluu irraan darbee yakkamtoota gochaa ture. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 2015
