Seenaa Aad. Ayyaluu Ittisaa (1968-2015)

(Oromedia, 14 Ebla 2015) Aadde Ayyaluu Itisaa Abbaa ishee Obbo Ittisaa Deebisaa Jiraataa fi Harmee ishee Aadde Jaal’ee Lataa Toleeraa irraa bara 1968 GC haala amma waamamuun Godina shawaa lixaa Aanaa Calliyaa Ganda Qotee Bulaa Tulluu Kosorruu jedhamu keessatti dhalatte.
Akkuma umuriin ishee barnootaaf gaheen mana barumsaa sadarkaa 1ffaa M/Tulluu maraa, Sadarkaa jidduu galaa magaalaa Geedoo M/Caacaa, sadarkaa olaanaa Amboo fi magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Kokoba tsabaa jedhamutti xumurte.
Akkasumas bara 1991 yeroo mootummaan dargii kufe irraa eegalee, miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta’uun socha’aa kan turte yoo ta’u, haaluma kanaan bara chaarteraa waraan ABO muraasa Shaambal Yohaannis Moosisaan fi Obbo Sanyii Bakkasheen hoogganamu fi jiddugala Oromiyaa socho’aa kan tureef garee mahaandisummaan dirqamarra otoo jirtuu haxxee diinni hidheen shaambal Yohaannis Moosisaa yoo ajjeefamu, Qabsooftuu Ayyaluu Ittisaa qabamuun gara mana hidhaa karchallee Magaalaa Ambootti geeffamtee qaruuraa caccabaan rifeensa mataa irraa haaduun dararama hamaa irraan ga’an. Akka kanaan, artistii beekamtuu fi jaalatamtuu Ilfinash Qannoofaa waliin karchallee Amboo keessatti dararama argaa turan.
Erga hidhaa irraa hiikamtees sodaa tokko malee, gara magaalaa finfinneetti deebi’uun dhoksaan hojii qabsoo itti fufte. Haaluma kanaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa guutuu ta’uun koree adda addaa keessatti sadarkaa adda addaa irratti itti gaafatammummaa fi miseensummaan socho’aa turte. More:- www.OroMedia.net