Uummati Gaaffii Mirgaa Akka Gaafatuuf Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun, Sabboontoti Oromoo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Irraatti Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaatti Darbaman‏

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Ebla 10,2015
Because I am OromoBarattootni sabboontoni Oromoo godina Shaggar Kaabaa ona Sulultaa irratti yeroo darbe wal dorgommii taasifameen dhaadannoo fi sirboota qabsoo uummatatti dhageessisuun uummata kaasuun sagalee dhageessisuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkasuma akka godina kanaatti walgayii taasifamu irratti ummanni argamuu diduunis mootummaa Wayyaanee mufachiisuu, Ayyaanni OPDO godina kana irratti yeroo lamaa ol akeekame barattootaa fi uummataan feshelaa’ee hafuun mufii guddaa mootummaa Wayyaaneetti uumee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Ebla 10,2015 godina kana keessatti maqaa ABOtiin shakkamuudhaan kanneen uummata,barattoota, waraqaa dhaadannoo uummata kakaasu maxxansan jedhamuun raga qabatamaa tokko malee shakkiidhumaan qote bultoota sadii fi barattoota 5n toohataman, qorannoonis irratti gaggeeffamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Namoota kanaan sabboonummaadhuma isaaniin toohatamuun aanaa Sulultaa irratti hidhamanii qoratamaa jiran keessaa muraasni:

  1. Kabbadee Suufaa-barataa
  2. Obbo Qajeelaa Suyyum-Qonnaan bulaa
  3. Oliyaad Kaffaaloo-barataa

Namootni akka Qeerroon gabaasetti Qeerroo waliin quunnamtii qabaachuudhaan uummata fincilaaf kaasu, uummanni mootummaa waliin nageenya akka hin qabaanne taasisu, mootummaa irratti dargaggoota ijaaru jedhamuudhaan shakkiimaan toohatamanii akka jiran odeessaan Qeerroo magaala Sulultaa irraa addeessa.

Leave a comment