Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

ABO

Baatiin Eblaa Seenaa QBO Keessatti Baatii Seenaa Qabeessa

Ibsa ABO

Ummatni Oromoo sirna gabrummaa walabummaa, birmadummaa fi mirga dimokraasii isaa sarbee hacuuccaa fi saaminsa gadi dhaabuu barbaade baroota dheeraaf of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfate. Haa tahu malee dhuma irratti diinni waggoota dheeraaf Oromoo gabroomsuu irratti hin milkaa’iin ture gargaarsa meeshaa fi beekumsaa ala irraa argateen ittisa Oromoo cabsee hawwii isaa bakkaan gahate. Kana irraas sirni Kolonii Oromoo irratti diriirfame. Abbaan biyyummaa Oromoo hafee biyya isaa irratti alagoome. Qabeenyi Oromoo fi Oromiyaa ajaja alagaa jala gale. Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti murteessaa tahe qofa. Oromiyaa diina irraa ittisuu fi diina jalatti erga kufeen boodas walabummaa gonfachiisuuf kanneen wareegaman yaadatuun dirqama lammummaa ti. Kana hubatuun ture ABOn Ebli 15 guyyaa yaadannoo, Gootota haqa ummata Oromoof jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne baasan ittiin yaadatamu akka tahuu kan murteesse. Guyyaan Goototaa miseensota ABO qofaan eegale kun har’a kan ummata Oromoo maraa tahuun hubatamee biyya keessaa fi alatti kabajama. Kunis qabsaawota qabsootti jiran hamlachiisee, kaanis qabsootti akka makamanii fi gumaacha qabsoo adda addaa akka gumaachan taasiseera. Kanatti dabalees ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha yeroo fi bakkoota adda addaatti kufan galmee seenaa fi onnee ummata isaanii keessatti akka galmaa’an taasise.

Gutummaan Isbsa Kanaa PDFn :-  Ibsa Guyyaa Goototaa

Leave a comment