SEENAA Y.G (2005) —kutaa 2 ffaa
Barru har’atti odoo hin ceenee , Barruu kiyya kutaa 1ffaa ilaalchisee Namni tokko yaada dhuunfaatti naa katabeen kan naaf qoode dubbiftootaaf dhiheessuun barbaada. Namni kun yaada dabalataa kanatti aanu naaf gumaachee jira. Akkas jedhe/jedhan, hiikkaa “HAYYUU”jedhuuf keesse kun dhugaadha. Waan itti idaate tokkollee hin qabdu. “Oromoon Hayyummaa kan Namaaf kennu, Dhimma Oromoon wal qabatee beekumsa qabanii fi hojii hojjataniin malee, beekumsa saba biraa ykn hammayyaa kanaan miti. jechi “Hayyuu” jedhu, jecha Qaalii Qabeenyaa Oromoo ta’eedha. Bara dhibbaa oliif gadaan hin turre. Ittiin bulaas hin jirru. Hayyuun jechumaan hafaaree ? jedhanii kan gaafatan jiru ta’a. Gadaa keessa dabruun Hayyummaaf bu’ura. Gadaan ammoo hin jiru. kanaaf haala keessa jirru irraa , warra dhimma ummata isaanii waliin umurii guutuu fi umurii walakkaa ol itti dabrsan kanaaf maqaa kabajaa gochuu ni dandeenya. Gadaa keessa jiraachuuf haalli mijachuu yoo dide illee, Dhimma Oromoo keessa jiraachaa jiru waan ta’eef. Hayyuummaan, Pirofesarummaa fi Dokitarummaa caalaa Oromoof qaalii ta’uu isaa beekuun fardiidha.