TPLF Deggeruun “Warqee” OLF Deggeruun “Dhiphoo” Maaliif Jechisiisa?

Dhaadannoo ABO Faana Hiriiree Kan Jiru Eenyu? Saba Oromoo ti.

Kun Maal Irraa Kan Madde? Ilaalcha Dhiphummaa Ummatichaa Irraahi.”

Abbaay Tsahaayyee (Gorsaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa)

Malkaa Caffee Irraa

barruuUmmata dhiisii dachii dhuunfadhu, lamaanuu dhabda. Dachii dhiisii Ummata qabadhu, Lachuu qabaatta/argatta.” jedha yaadni tarsiimoo qabsaawota Chaayinaa tokko. Bu’uuressitootnii fi hoogganootni TPLF (Tigray People Liberation Front) miidhaa mootummoota Itoophiyaatiin (Dargii fi warra isa dura turan) Ummata Tigiraay irra gahaa ture hambisuuf oggaa qabsoo jalqaban Ummatni Tigiraay Kaayyoon TPLF waan isa amansiiseef jecha jaalalaa fi deggersa guutuu kenneefii isaan faana hiriire. Deggersa cimaa Ummata Tigiraay irraa argataniinis (haalli mijjataa fi deggersi gara biraa irraa argatanis haa jiraatu malee) bakka har’a jiran kana dhaqqaban. Ummatni Tigiraay TPLF faana hiriiree qabsoo gaggeessee fi wareegama baaseen bu’aa/faayidaa gama polotikaa, dinagdee fi hawaasummaa hedduu argatetti dabalee jajjabeessaa fi faaruu afaanii kan miira qor-qalbii isaa gammachiistu “Ummata Warqee/Meeta” (ወርቅ ሕዝብ) jecha jettu badhaafameera. Jecha faaruu kana Ummata Tigiraayiin kan badhaasan gaafa lubbuudhaan jiran (Bakka jiranitti gatiima hojii isaanii haa kennuuf) Obbo Mallas Zeenaawwii turan.

Haaluma fakkaataadhaan Ummatni Oromoos bu’uureffamuu ABO irraa eegalee Kaayyoon ABO daandii gara Bilisummaatti isa geessu tahuu waan amaneef jaalalaa fi deggersa isaa Dhaaba kanaaf arjoomuutti jira. Dhaabotni kun lamaan (TPLF fi OLF) walumaan Ummata isaanii hiriirsanii Mootummaa Dargii kuffisuu keessatti qooda gurguddaa kennan. Oggaa Mootummaa Dargii kuffisanis walumaan Mootummaa Yeroo Cehumsaa dhaabanii haala Sirni Empaayerummaa Itoophiyaa diigamee mootummaan Ummatootaa itti hundeeffamu (haala mirgi hiree murteeffannaa Ummatootaa itti fiixa bahee naannichatti sirni haqaa fi dimokiraatawaan gadi dhaabbatee nageenyi waaraan mirkanaawu) irratti hojjechuu jalqabanii turan. Yeroo yaalii gabaabduu sana keessatti Dhaabotni lamaan mata mataatti Ummatoota bakka bu’anii dhufan biratti, waloodhaan ammoo Ummatoota Empaayerattii hunda biratti dhageeytii, jaalalaa fi deggersa (sadarkaa fi ayinaan isaa haa wal cacaalu ykn. buburratu malee) horatanii turan jechuun ni danda’ama. Dhiphina TPLF

Leave a comment