Ergaa Ergamtuuf Malu!    

   Jiituu Lammii, Bitootessa 23, 2015

Barreessaa dhugaa baasa!Karoora karaarraa dabe – qeeqnii fi qorannoon hin deebisu. Doorsifnii fi sossobbaanis hin qajeelchu. “Silaas takkaa taanee…” jedhanii ija jabinaan itti deemuunis dhuma isaa hin miidhagsu. Wayyaaneen torbanneen lamaan darban kanarraa eegaltee diddaa ummataa ukkaamsuuf karoora karaarraa dabe baaftee reeraawwii isaatiif OPDO of dura qabdee  bobbaatti jiraachuu odeessi tibbana gola mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa bahe ni mirkaneessa. Akka odeessa kanaatti karoora  diddaa ummataa ukkaamsuuf akeekkate kana milkeessuuf dirqamni humnaa fi sossobbii  makate qondaalota OPDO olaanoorraa ka’ee hanga dabballee gandaatti diriirfamuu maddi kun ifatti mul’isa. Ergaa Ergamtuuf Malu Jiituu Lammii

Leave a comment