Filannoo Sossobbaa
Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?
Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???
Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Filannoo Sossobbaa Walaloo