Mootummaan Wayyaanee EPRDF Bishaanii fi Ifaa Uummata Irraa Kutuun Dheebuu fi Dukkanaan Adabaa Jira.

Bitootessa 23,2015, Gabaasa Qeerroo Qeelloo Wallagga 

Adduunyummaa ODF

Suur dhibii irraa

Godina Wallagga Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo  erga  ummatnii  Oromoo  gamtaan fincila diddaa gabrummaa kaaseen  mootummaan  Wayyaanee  uummata haaluu ba’uuf   jecha  jiraattota magaalaa Qeelloo  irraa  ifaa fi  bishaan dhugaatii  kutuun jiraattotni magaalaa Qeelloo  dheebuu n  dararamaa  fi  ifaa  malee halkan dukkana  keessa  rakkachaa  jiru. Akka gabaasi Qeerroo ibsutti haalli kun yeroo torbaan tokko  ol  lakkoobsiseera

Akka uumati naannichaa ibsutti sababni ibsaan kun  Ummata  Oromoo  irraa  cite  hidhamuu  Barsiisotaa fi Baratootaa  akkasumas  ummata jiraatotta magaalaa Qeelloo  karaa  meeshaa sab -qunnamtii  Media  Garaa  Garaa  irratti  gabaafamee ummatni  dhaga ` eef  jecha  Haati  kanaan  kan ka, ee  Bitootessa  16 / 2015  irraa  eegalee   Mootummaan Wayyaanee  umnata Oromoo Jiraattota  magaalaa  Qeelloo  ti mana  barumsaa Qeelloo sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa  irraa  ifaan  Addaan  citee  jira.

Jaarraa 21ffaa keessa yeroo addunyaa odeessa shaffeessaa fi haala qindaawaa ta’een odeessa fi qunnamtii  ammaayaa  ta’e  ummataaf  dhaqqabsiisuuf  hojjetaa  jirtutti  mootummaan Wayyaanee  akka ummatni Oromoo odeessa hin argannee fi bilbilaan wal hin qunnamee nneef qunnamtii isaa addaan kufuuf  shira hojjetaa jira.

Keessumaa tti  Ummatni Oromoo  miidhaa fi saamicha,  hidhaa fi  ukkasmsanii  ilmaan Oromoo  qee fi qabeenya, hojii fi barumsa isarraa  dhabamsiisaa  jiran  kana  ummatni  Oromoo wal hordofee  akka  hin gabaafnee fi dhagahee  waliif  hin dirmanneef  ta’e  jedhee  shira  ifaa kufuu fi  neeti network cicciruu shira Oromiyaa keessa irratti hojjetaa jira.

Leave a comment