Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015
Mootummaan Wayyaanee dhaaba ofii bixxile DH.D.U.O kan ulee TPLF tahee Uummata Oromoo rukkutaa asiin gahee amma bututaa jiru haaromsuudhaaf wixineewwan garaa garaa qopheessite. Kana keessaas Asrtistootni Oromoo maqaa Do’ii siidaa Calanqoo jedhuun naannoo sanatti akkka argaman qindeessite. Artistootnis Siidaan Calanqoo siidaa seenaa qabeessa tahee fi Gaaffii Uummata Oromoo tahuu waan beekaniif naannoo sana daawwachuuf deeman. Haa tahu malee aangawootni OPDO fi TPLF Ayyaana kabaja DH.D.U.O Waliin walitti qabsiisuudhaan Ayyaana DH.D.U.O kabajaa jirra wayita jedhanitti Uummatnii fi Artistootni nuyi DH.D.U.O jedhamu hin beeknu, Maqaan DH.D.U.O waltajjii irratti dubbatamnaan jeequmsa uumamuuf itti gaafatamni Wayyaaneedha jechuun diddaa eegalan.
TPLF Fi DH.D.U.On waranaan kan tikfamaa jiru waltajjiitti bahuudhaan Olola DH.D.U.O fi Kabaja Ayyaana ishee dubbii eegalan. Uummatni dhagaa fi waan harkaa qabuun rukkutuudhaan aangawoota mootummaa, Kabaja ayyaana DH.D.U.O fi Jala deemtota ishee salphisee jira. Kabajni Ayyaana DH.D.U.O Calanqootti karoorfames fashaluu isaatiin Wayyaaneen dhiphinaa fi salphina keessa seentee jirti.