Warraaqis Bilisummaa Barsiisotaa fi Barattoota Oromoon Eegale Itti Fufuun Wallagga Qeelloo Keessatti Torbaan Lamaaf Itti Fufe,Hojjettootii fi Barattooti 30 Olis Hidhaman.

Bitootessa 19,2015 Gabaasa Qeerroo Ebantuu 

DIDDAA 2Because I am OromoFincilli Diddaa Gabrummaa Guraandhala 27 irraa eegalee hanga Guyyaa har`aa Bitootessa 19,2015 tti itti fufee jira.

Diddaan Bitootessa 18-19 ,2015 deemeen  magaalaa fi manneen barnootaa irratti alaabaan ABO bakka bakkatti maxxanfamuu fi fannifamuun wal qabatee uumannii fi barattooti gamtaan ka’uun FDG magaala guutuu keessatti gaggeefamaa jira. Haalli kun gara malee kan isa rifachiisee fi naasise mootummaan Wayyaanee loltoota isaa magaalaa Naqamtee fi bakka adda addaa irraa gara sanatti bobbaasuun hojjettoota mootummaa fi barattoota sadarlaa 2ffaa baratan hedduu mana hidhaa hin beekamnetti funaanee geessee jira. Haga ammaatti Barsiisotaa fi barattoota 30 ol hidhaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii:-

Barsiisoti hidhaman

  1. Warquu Tarrafaa Barsiisaa  mana barumsaa Qeelloo
  2. Taammiruu  Hinsarmuu Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo
  3. Tashoomaa asaffaa Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo

Barattooti mana marumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo irraa hidhaman

  1. Biqilaa Raggaasaa barataa Kutaa 10ffaa mana  barumsaa Qeelloo
  2. Lateeraa Gammachuu barataa Kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  3. Gumuzee  Galataa barataa Yuunversiitii Mattuu irraa maatii gaafachuuf galee kan  hidhame
  4. Jireenyaa Galataa barataa kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  5. Daawit Dassee barataa kutaa 9ffaa mana barumsaa Qeelloo
  6. Abdannaa  Dassuu barataa Kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  7. Daawuti Fiqaaduu barataa kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  8. Getaanee Lamuu barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  9. Fayyeeraa Mallasaa barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  10. Gumuzee Dhinsaa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  11. Dhaabaa Toleeraa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  12. Fiqiruu Taaddasaa dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo

Namootni maqaan isaanii  armaan olitti tarreeffame kun yeroo ammaa yakkaa fi badii tokko malee  Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun Barumaa isaanii irraa ukkaanfamanii qee fi bakka jireenya isaanii hin beekamne.

Leave a comment