Gabaasa Qeerroo Aliboo Bito,19,2015
Godina Wallagga, Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti duula na filadhaa gaggeeffamaa jiruun wal qabatee dura taa’aan mana Barumsaa Aliboo kan qophaa’inaa fi itti aanaan mana barumsichaa hojii irraa arii’amanii jiran. Hoogganaan mana barumsaa Obbo Amantee Raggaasaa fi itti aanaan mana barumsichaa Obbo Addunyaa Irreessoo kanneen jedhaman isin FDG deemsifamaa jiru keessaa qooda qabdu, barattootni akka fincilan kan kakaasu isini maqaa jedhuun yakkamanii hojii irraa arii’aman. Hooggana mana barumsaa kanaas Obbo Tasfaayee Yaadataa kan jedhamu bakka buusuu isaanii maddeen qeerroo gabaasanii jiran.
Mootummaan Wayyaanee FDG deemsifamaa jirutti kan baaragde hojjettoota magaala kanaa 12 armaan dura FDG deemsifame waliin dhimmi wal qabateen hojii irraa arii’uun ishees ni yaadatama.