Odeessa Qeerroo Bitootessa 19,2015
FDG Oromiyaa bakkoota adda addaan Mootummaa Wayyaanee irratti ka’een kan baarage Wayyaaneen yeroo ammaa naannoolee gaaffii Warraaqsaa kaasan keessatti konkolaataa nagaa daandii irraa socho’u qabuudhaan sakatta’uu eegalee
jira.
Gochaaleen konkolaataa dhaabanii uumata nagaa hiraarsuun Wayyaanee kun torbaan darban keessa naannoo Oromiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa kan ture yeroo ta’u, akka odeessa Qeerroo naannoo Shaggar Kaabaa Sulultaa, Salaalee fi naannoo Caancoo jedhamtu keessa daandii kutee deemu irra konkolaataa dhaabuudhaan sakatta’insa taasisaa akka jiran keessattuu galgala har’aa jechuun Bitootessa 18/2015 qaama poolisiitiin sakatta’iinsa gaggeessaa akka jiru odeessi Qeerroo nu gahe ibsa.