Godina Shaggar Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Keessatti Mootummaan Wayyanee Saamicha Lafa Oromoo Taasisaa Jiru Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015 

Oromia samamaa jirtuAkkuma beekamu waggaa afur dura humnaan qotee bulaa Oromoo lafa isaa irraa kaasee Abbooti qabeenyaa chaayinaaf kenne warshaa Simintoo Bedrock fi Dangootee irratti ijaarataniiru. Ummatni laficha irraa ka’ee har’an tana waan nyaatee bulu dhabuu irraan haalaan dararamaa jira. Kunis kan ta’e ummata duran hojii isin qacarra jedhanii booda lafarra kaasanii san booda fira saani Habashaa qacaruun ummata Oromoo naannicha hojii maleyyii taasisanii jiru.

Kana maleelee uumanni Oromoo naannichaa dachi maleeyyii ta’an biyya keenyaa fi lafa saamamne hanga dhumaatti ni falmatana jechuun FDG kaasanii mootummaa fi bulchiisa naannchaa dhiphisaa jiraachuun gabaaama.Kana malees tibbuma kana Aanicha keessa gandoota Caancoo Birrattee fi Tuulii Dasee keessa beenyaa ga’aa osoo hin kanfalinif ummata humnaan lafa isaa irraa buqqisaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Leave a comment