Uummata Nurratti Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun Loltooti Wayyaanee fi Hojjettooti Mootummaa Hojii Irraa Arihamaa Jiru.FDGs Itti Fufe!!

Bitootessa 18,2015  Qassoo

Oromian resistanceRoorroo if irraa ittiisuuf qabsoo uumanni Oromoo gochaa jiru keessatti qoodi dubartooti Oromoo kennan waan laayyoo miti,yeroo ammaa kana sochii Oromiyaa guutuu keessatti Qeerroon Bilisummaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasee jiruun wal qabatee loltooti Wayyaanee fi Shamarran Oromoo hojjetoota Mootummaa ta’an hojii irraa arihamaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Wallagga aanaa Waamaa Hagaluu magaalaa Qassoo keessaa hojjetoota mootummaa fi mishooma Qonnaa fi fayyaa kanneen

Birraashee Dhaabaa hojjettuu fayyaa kan taate Dargaggoota Oromoo ijaarte sababaa jedhuu.

Guyyaa kaleessaa ykn Bitootessa 17,2015 hojii irraa akka arihamanii jiran mootummaan Wayyaanee isaan beeksise.

Kana malees,loltuun Abdii Abarraa jedhamu boqonnaa yerootiif gara maatii isaa Waamaa Hagalootti yeroo galutti ati kan ergamtee dhufte ABO dhaani,kanaaf dargaggoota nurratti kaasuuf asitti argamta sabaaa jedhuun loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa Jaatoo jedhamu erga ergamee dararaan guddaa irraan gahamuu fi hojii irraa arihamuu isaas beeksuu wayyaanee gabaasa Qeerroo irraa addaate.

Leave a comment