Barsiisotii fi Barattooti Gaaffiin Mirgaa Kaasan Uummata Cunqurfamaa Oromoo Dabalatee Itti Fufe. Barsiisotnni Hedduus Hidhamanii Mana Hidhaa Magaala Ebantuutti Dabarfaman

Bitootessa 18,2015 Qeelloo Wallagga

OromiaALutaContinua2011FDGBecause I am OromoWarraaqisi Bilisummaa Wallagga,Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo Ka’een barattooti M/b Sadarkaa 2ffaa Qeelloo fi barsiisotni Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo magaalaa Qeelloo irraa gara hindee magaalaa Eebantuutti hidhaaf guuramaa jiru. Humni hidhataa mootummaa Wayyaanees Naqamte irraa gara naannichaa dhaquun uumata goolaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

FDGn kun wiixataa fi Kibxata kaleessaa  qabee kan itti fufe yoo ta’u uummati magaalichaa barattootaa fi hawaasa waliin hiriiruun guutummaatti mana hidhaa Wayyaaneetti guurama jiru.

Ka’umsaa fi aarii uumanni Oromoo kun irraa ka’ee FDG kana qabsiise kuufama rakkoo bara dheeraa fi lafi qonnaan bulaa guyyuu saamamuu fi gaaffii abbaa biyyummaa magaalaa Finfinnee akkasumas rakkoolee walii gala uummata Oromoo irratti qabrummaan diriiree qabatee jirutti rarra’a.

Sabboonaan Oromoo Mootii Tasfaayee dhimmi gaaffii mirgaa kaasisifte jedhee mootummaan Wayyaanee qabuun kana are uumanni Oromoo amma hammaa kanatti FDG itti fufee jira.

1 thought on “Barsiisotii fi Barattooti Gaaffiin Mirgaa Kaasan Uummata Cunqurfamaa Oromoo Dabalatee Itti Fufe. Barsiisotnni Hedduus Hidhamanii Mana Hidhaa Magaala Ebantuutti Dabarfaman

  1. Nuti sabni oromoo hanga ammaatti diinan cunqurfamuun ga’ee jira. Yeroo ammaa tokkummaan kaanee qabsoo finiinaa ta’een diinota keenya warra lafa keenya gurguruun mirga abbaa biyyummaa nu sarban irratti duuluu qabna.Kanaaf immoo tokkummaan haa kaanu jabaadha kallattii hundanuu lammiileen keenya.Mu.Ma kaaba shawaa fiichee salaale irraa.

Leave a comment