Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Akkam nagaa jirtuu,yaa ilmaan Oromiyaa,
Yaa qomoo Oromoo,obboleewwan kiyyaa,
Baga har’a geettan,hundi keessan fayyaa,
Yaadni koo isin biraa,yoo jiraadhes bayyaa,
Galata Rabbii guddaa,anilleen nagayaa!!!!!!!!!
Dhiifama naaf godhaa,xinnoo waa haasayaa,
Qalbiin adda baasaa,gurraan na dhagayaa,
Waa’ee Oromootaa fi waa’ee harmee biyyaa,
Kan hedduu na dhibe,waa’ee lammii kiyyaa,
Irratti mari’adhaa,furmaata naan gayaa!!!!!!!
Galata Rabbii guddaa,qaamaan numa jirraa,
Akka qorsoo bishaanii,fagaannus walirraa,
Bakkuma jirtanittii barbaadaa wal baraa,
Oromummaa dhugaatiin Rakkina walii furaa,
Hanguma qabdanii fi yaadaan wal gargaaraa,
Walirraa hin dheessinaa,jabaadhaa hadaraa!!!!!