Dhufne Nus Irraa
Namnis akka dhuunfaatti hawwaasnis akka hawaasaati, biyyis akka biyyaatti soda ni qaba , kun immoo milkaa’ina yaade biraan tasuma isa hin geesisu, ykn ijjifannoo barbaade hin gonfatu!
Kayyoon waraaqsa ilmaan Oromoo jarraa kan lakkoofsise, wareegame hedduu kan nurraan dhalootarraan gahe , kaayyoo tokkoo qabatee, galma tokkoof wal’aansoo diina keessaa fi alaa akkasumas wal’ansoo sammuu isaa waliin qabaa turee ammas qabaa jira.kayyoon guddaan kun abjuun bara dheeraa BILISUMMAA OROMIYAATI!
Namni kamiyyuu maaliif bilisummaan fagaatte jechuun waan hin ollee, gaaffiin deebi’uu qabu garuu haga bilisummaan arsaa gaafatu namni oromo ta’e marti kafaleeraa? moo afaanumaan abjuudhumaan haasa’a oola laata? Yeroo ammaas kan darbe dhiisnee sodaa fi dogogora qabnu sirreesine injifannoof warraaqaa jiraa? qabsaa’aa jirraa? kanneen amma ibse keessaa SODAA ishee jettu ibsuun yaala. Sodaan jiraanaan milkaa’uun tasuma walgowwomsuudha, sodaa niqabna kanaafis injifannoo argachuu dadhabne! sodaan kun maali, marraa madde, akkamitti balessuu dandeenya , akkamti goota taanee biyya keenya oolfanna? Dabeessa diinaaf ergamu ,obbolessa isaa dabarsee laatu fi ajjeesaa jirus akkamitti namummaa isaatti deebisna, sodaataa sodaan dhuunfate mallattoon isaa ,amalli isaa maali? kanneen kanaaf deebii laachuun yaala!