Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
- Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme
- Click to share on X (Opens in new window) X
- Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook
- Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube
- Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video
- Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp
- Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email
- Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa
- Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org
- Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress
Harmee Haadha dhiiraa!!!!!
Akkam nagaa jirtuu,ilmaan Oromtichaa,
Ilmi Baarentumaa fi ilmi Boorantichaa,
Jaallan qabsoo Sabaa,dhamni hangaftichaa,
Baga nagaa taatan,xiqqaa fi guddaan jechaa,
Anis nagaan qabaa galata rabbiif galchaa,
Waa dubbachuun fedhaa,xinnoo na ofkalchaa!!!
Qeerroo Qeerransa koo,si gaaddisni Sabaa,
Sanyii ABO dhaa,goota biyyaaf Abbaa,
Jabaadhu,bakkayyuu,hamileen kee jabaa,
Qabsoo ati gootuun,diina mataan cabaa,
Itti fufi qabsoo,barri numa darbaa!!!!!!!!!!!!!!!!
Inni keessaa fi alaa,kan kallattii hundaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan Abbaa Gadaa,
Hayyoonni Oromoo,warri fuune waadaa,
Jabaadhaa,bakkayyuu,dhalooñni nuun aadaa,
Ofirraa haa kaafnuu,Wayyoonata duudaa!!!!!!!
Jabaadhu obboloo,hin sodaatin lubbuu,
Qabeenya Uumamaa,bosonaa guggubuu,
Hangafaa fi quxisuun hidhatti nu darbuu,
Biyyarraa ari’amuun mirga keenya dhabuu,
Gochoonni alagaa,qabsoorraa nu hin dhaabuu,
Roorroo gabroomsaatiin,hamileen nu hin cabuu,
Numa Bilisoomsaa,Rabbi waa hin dadhabuu!!!!!
Harmee,haadha dhiiraa,mudhii jabeeffadhuu,
Galaa nuuf guduunfii,Rabbuma nuuf kadhuu,
Dhugaan tee hin badduu,Rabbitti iyyadhuu,
Oduu gabroomfataa,gurrarraa cufadhuu,
Hanguma humnaatiin,gantoota qoladhuu,
Nama hin eeggatinii,uumaa kee abdadhuu,
Akkanatti hin haftuu,hundaafuu jabaadhuu!!!!
Gocha adda addaatiin,diinni si dararaa,
Ilmaan kee dadhabnaan,bosona gubaaraa,
Addaan nu diddiiguuf,haasawa waan dharaa,
Kun yoomuu nu hin miidhuu,itti nu cimsaaraa,
Jaarraa gabroomfataa,dhiite aduun shiraa,
Dhugaan teenya hin badduu,Rabbitu nu furaa,
Obsi yaa aayyoo too,harmee haadha dhiiraa!!!!!
Barataa fi barsiisaan kee,siif wareegamaa,
Ilmaan kee dadhabnaan guban kennaa uumaa,
Mee maal isaan godhe,bosonni uuumamaa,
Shororkeessa jiraa jechuun odeeyfamaa,
Yaadaa fi gochi jaraa,waa hin ta’u tasumaa,
Shororkeessaan jaraa,yoomumaa,yoomumaa,
Kana beekee,ummanni falmachuun dirqamaa!!!
Diinni booyaa jira,hamileen gad cabee,
Akeeka,dhaabbata,innumtuu of jibbee,
Olii fi gad raata’a,waan qabatu dhabee,
Hin jirree,haasawa,ganda keessa labee,
Jabaadhuu,aayyoo too,rabbi ol si qabee!!!
Guyyaan Bilisummaa nutti dhihoo jiraa,
Yaa obboleewwan koo jabaadhaa hadaraa,
Furtuun Bilisummaa Tokkummaadhaa baraa,
Jabaa nurra hin turuu,diinni galuuf jiraa,
Akki dur sun hafee,dhiite aduun shiraa,
Diina jalaa hin laafne,qeerroon lolaa jiraa,
Tokkummaa jabeessaa,bakka jirtan maraa,
Hin booyin aayyoo too,Rabbi si gargaaraa,
Ammaa Bilisoomta,Harmee haadha dhiiraa!!!!
Abdii Baalee Oromiyaa,Afrikaa Kibbaarraa,
Dhaamsa goottan keenyaa,jabeessaa hadaraa,
Yaada yeroof qabu,asumaan xumuraa,
Hamma yeroo biraatti,nagaan naaf turaa!!!!
Jabaadhu saba koo,Aduun numa baatii,
Gadaan tan OROMOO,Gadaa Bilisaa tii,
Of duuba hin deebinu,qabsoon itti fuftii,
Injifannoon dhugaa tan saba Oromootii!!!!
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO
Bitootessa 7,2015.
Tigreen carraa kana yoomillee akka irra deebi’uu hin dandeenye waan beektuuf, qabeenyi meeqas badu, lubbuun fedhes badu, aangorra guyyaa lama buluu feeti. Oromoon al-takka harka ofiitti qabannaan akka eenyufillee hin kennines in beekti. Kanaaf ibidda boru ittiin gubattuun har’a nuguggubdi.