Geerarsa: Garaan Na Hammaate!

Firaol Guutuu irraa.

Yeroo arfaasaan gahetti ni hamumoo ni facaasu

yeroo diinni rooriftu ni ganumoo ni bookisu

Morma dinnaa qalanii ol’antummaan weeddisu!

Yeroo roorroon hammatuu , yeroo joobirri kaattu

Jajjabee gaara keessa mul’attee baati keessa

Oljettus gubbaan dhuftee, gadjettus jalaan dhuftee

kaaban kibbaan guluftee diinatti karaa cuftee

Iyya handaaqoo ganamaa yaa korissa wenotaa

Garaanko nahammatte maal farrifteeta laata?

lammii lammii isaaf lolaa, dhiirri gaaratti gala

Kanaaf gora’ee qalaa!

Geerarsa.docx

Leave a comment