Warraaqisi Bilisummaa Qeerroo Jabaachuu Irraan Motummaan Wayyaanee Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Irratti Sakatta’iinsa Jabaa Deemsisaa Jira.

Odeessa Qeerroo, Bitootessa 4,2015
diddaa9Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Horaatti sakatta’iinsi adda tahe taasifamaa jira. Kana malees gabaasi Qeerroo har’aas kan ibsu ganama kana humni adda ta’e mooraadhaa alaa seenee barattoota kan dammaqsuu fi kakaasutu akka biyyaatti shakkamaa jira kan jedhuun mootummaan Wayyaanee Yuuniversitiilee hunda irratti xiyyeeffannoo taasiseen sakatta’iinsi adda tahe ganama halkan sa’a 11:00 kaasee kan itti fufee jira, kun akka Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee akka tahe kan ibsuu fi kanuma kan fakkaatu Yuuniversitiin kanneen akka Hawaasaa , Adaamaa, Finfinnee, Amboo fi Wallaggaa sochii kun taasifamaa akka jirutu gabaasi Qeerroo kallattii gargaraa irraan ibsaa jira.

Yuuniversitii Hawaasaa irraa addeessutti mooraa Yuuniversiti Hawaasaatti filannoo dhufu milkeessuudhaaf paartilee garagaraa irraa nama 5n, 5n mootummaan Wayyaanee leenjisee jira, baatiitti qarshii 600 kennuufiidhaan milkoomina filannoo akka mooraa kanaatti itti gochuudhaaf namoota torban darban keessa magaalama Hawaasatti leenjiin kennameefii akka jiru odeessi Qeerroo addeessa. Humni dhimma kanaaf leenjii fudhatee mooraa Hawaasaa jiru barattootuma moorichaa tahanis Qeerroon mooraa Yuuniversitii barattoota qabsoo oromootti gufuu tahuu leenjifame barataan 150 kaayyoo keenya irraa boodatti nuun deebisu jechuudhaan ejjennoo qaban jabeeffachuu isaanii kan ibsataniidha, akka mooraa Yuuniversitii biyyaatti sochiin jiru jeequmsi kan ka’uu jechuun mootummaan Wayyaanee mooraa keessattis hordoftoota odeessa kennan, humna garagaraa kan filannoo baranaaf milkoomina taasisan, akkasuma sodaadhumaan tasgabbii dhabuun barattoota sakatta’uun irratti jabeeffachuun waan gabaafamaa jiru dha.

Leave a comment